Episode (qophii) tanarratti:
- - Aduunyaan ta gartuun xiqqaan daangaa-dabraan irratti tujaaraa jirtuufii ummatni ball'aan ammo daran itti hiyyoommtaa jiru tun garam jall'ataa jirtii?
- - Sirni Gabbaarummaa haareeysi biyyoota kam gubbaat ijaarmaa jiraa?
- - Sirni Gabbaarummaa haareeysi kun maal fakkaataa? Warra kamtu irraa fayyadeeffata?
- - Sirni Gabbaarummaa haareeysi adunyaa gubbaat diriiraa jiraa sodaatamu kun maalirraatti hundaahaa?
- - Xobiyaafii biyyotni teknoloojiin haga ammaa hinbayyanatne sirna kana jalatti cabanii kufuurraa of dandamu woyi dandayaani?
- - Sirni Gabbaarummaa haareeysi as deema jadhamu kun jiruu matayyaarratti dhiibbaa akkam jiraa faa fiduu malaa?
Gaaffiilee armaan olitti tarreeffamaniifi tabiroollee kitaaba, "Sirna Gabbaarummaa Haareeysa As Deemaa"(The Coming of Neo-Feudalism) jadhamtu ka Joel Kotkin barreesse haxareeruun ball'inaan deebi laachuuf tattaaffiin godhama.