- Gadaa keessa jirrutti, biyyaaf jacha wareegama lubbuu kafaluun bu'aan isaa maal? Dantaa eenyu kabajsiisuuf?
- Aduunyaa keessatti qoodni "biyya"a guddataa mo dhiqqaataa deemaa jira?
- Qabsoon Oromoo bifa aduunyaan itti jirtuufi daandii isiin irra qajeelaa jirtu hordofee demaa jiraa?
- "Yellow/Orange" namni ambaa heeduun, warra "Guantanamo/Gitmo" hidhame turee; tuuta Buddhahaa biyya Maynmar(Burma) Musliimoota Rohingaya galaafataa turee; fii "Yellow Vest Movement" ka biyya Faransaayiin walitti hidhee sammuu qaba. Duuba "Oromo Yellow Movement" kuwwanirraa adda of baasee beekkamti argatuufii milkaahu ni dandahaa?