Guddinni Qubee Afaan Oromoo (QAO)maalirra jira?
Birhaanuu Hundee tiin
Waggoota shantama dura, yeroo ”Afaan Oromoo raadiyoonii cabsa ”jedhamee dubbatamu sana, Afaan keenya haala sana keessaa bahee sadarkaa har’aa kanarra ni gaha jedhee eenyutu yaade? Afaan Oromoo barreeffamuun isaa hafee akka hin dubbatamneeyyuu dhiibbaan irra
gahamaa akka ture seenaatu ragaa ta’a. Galatni qabsaa’ota Oromootiif addatti immoo ABOf haa ta’u, kunoo Afaan keenya Qubee ittiin barreeffatus argatee; har’a Afaanota biroo wajjin Addunyaa kanarratti mul’atee jira.
Seenaa saba Oromoo keessatti waan ta’e yoo yaadanne, Qubeen Afaan Oromoo (QAO)n akka Afaan barnootatti akka ittiin baratamuu fi barreeffamu beektotni fi hayyootni Oromoo bara 1991 murteessan. Waggaa tokko booda bara 1992 yeroo jalqabaaf Afaan Oromoo akka QAOtiin barsiifamu ‘seeraan’ murtaa’ee ilmaan Oromoo qubee afaan Oromoo tin barachuu eegalan.
Bu’aalee Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO)n argamsiise keessaa inni guddaan tokkoyyuu Qubee Afaan Oromoo ti jechuun ni danda’ama. Kanaafuu QAOn mallattoo bilisummaa waan ta’eef kunuunfachuu fi guddisuun dirqama Oromummaa ti. Haa ta’u malee, umriin QAO umrii dargaggeessaa ta’us, waggoota 32 keessatti Afaan kun akka guddachuu qabutti guddatee jiraa? Hanqinoota maalfaatu jiru?Dhugaa dha, Afaan keenya bar-kurnee sadeen kana keessatti guddachuu akka qabutti hin guddanne. Maaliif? Sababni rakkoo kanaa hedduu ta’uu malu; qorannoollee barbaachisa ta’a. Garuu waanuma ijoo ta’an tokko tokko akka hubannoo dhuunfaatti ibsuuf:-
Tokkoffaa, wiirtuun Afaan Oromoo waaltessuu fi beekumsa oomishu itti hanqata. Wiirtuu Afaan Oromoo waaltessuu fi beekumsa oomishuun hanqina qofa osoo hin taane akka hubannoo kiyyaatti waanuma jiru natti hin fakkaatu. Kun Afaan keenya guddisuuf hiri’na guddaa dha.
Hanga Oromoon Abbaa Biyyummaa isaa goonfatee, mootummaa uummata isaatiif yaadu hin ijaarrannetti, rakkoo kanaaf furmaatni hin jiraatu. Dhugaa dubbachuuf, Afaan Oromoo Abbaa dhabe jechuun ni danda’amaa bar! Namootni dhuunfaadhaan tattaaffii godhuun akkuma jirutti ta’ee, guddinaa fi ayinaa (quality)Afaan kanaatiif kan dhimmamu fi irratti hojjetu dhaabbatni tokko ammatti hin jiru. Kun hir’ina guddaa dha.
Lammaffaa, QAO guddisuu fi akka barbaachisutti sirnaan itti fayyadamuuf Oromoota hedduu biratti hir’inni ni mul’ata. Fakkeenyaaf, irra caalaa namootni keenya kuun Afaan Ingiliziitiin (English) kuun ammoo Afaan Amaaraatiin barreessuu filatu. Kun dhugumatti nama ajaa’iba; nama gaddisiisas. Namootni kun Afaan keenyaan barreessuuf rakkina qabu moo Afaan kanaaf tuffii qabu laata? Afaan alagaatiin barreessuun baranee hammayyee (modern ykn civilised way)
ta’uu dha moo maali sababni isaa?
Sadaffaa, QAO sirnaan barreessuu dadhabuu dha. Warrumti barreessuu yaalanillee, sirnaan hin barreessan. Kun dhugumatti rakkoo hubatamuu qabuu dha(a serious issue). Yoo akkamitti akka barreessan hin beekne, seera barreessuu QAO barachuun baay’ee salphaa dhaa bar!!
Alagaanuu barachuu danda’a. Murannoo, kutannoo fi tattaaffii qofaa gaafata. Kan alagaarrattuu ni cichama kan ofii maaliif dagatama? Dogoggoraan barreessuun isaanii itti himamus, akka qeeqa ijaaraatti (as a constructive criticism) ilaaluu dhiisanii oftuulummaadhaan akkamittan sirreeffama jedhanii dallanu. Kanaafuu, Afaan keenya akka hin guddanne kallattiidhaanis ta’ee al-kallattiidhaan guumaacha goona jechuu dha.