podcast
details
.com
Print
Share
Look for any podcast host, guest or anyone
Search
Showing episodes and shows of
Ilmaormaa
Shows
ILMAORMAA
SE Trailer
Podcast-iin Ilmaormaa Hagayya 14, 2023 irraa jalqabe marsaa 8ffaa qophii eegala. Marti keessanu dhihaadhaa!
2023-08-06
02 min
ILMAORMAA
S6.Ep96. Dr. Abebe Diro Wajjin Marii Wahee "Cyber Security" Ilaalchisee Gadfageenyaan Gaggeessine - Kutaa 1ffaa
Qophii Torban kanaaf; Saayintiisti Kompuutaraa kan tahe Dr Abbabaa Diroon muuyxanno dhuunfaa kan aduunyaa beekomsa ammayyaa keessatti argateefi wahee "Cyber Security, Cryptography, Space Security"-fi kkf irraatti gad-fageenyaan barnoota mishaa nuuf kennuuf waltajjii Ilmaormaa Podcast irratti marraa 2ffaaf argamee jira. Kanaaf, beekumsa gahaa hayyuu kanarraa oomishatuuf, Itti Dhihaadhaa !!
2023-02-04
33 min
ILMAORMAA
S.6 Ep. 90 Marii Dr. Jemal Muhammad Wajjin Waahee Genetic Engineering(designer babies) Gaggeessine- Kutaa Duraa
Qophii torban kanaaf Dr. Jemal Muhammad keessummaa keenya. Dr. Jemal waliinis waahee DNA fi "genetic engineering" irratti marii waliigalaa gaggeessinee jirra. Kutaa duraatti isin affeerraa - Itti dhihaadhaa!
2022-12-23
39 min
ILMAORMAA
S.6 Ep 89 Haasaa Dr. Abebe Diro Wajjin Gaggeessine Kutaa 3ssoo
Qophii torban kanaa keessatti, marii waahee "Artificial Intelligence" huubannoota handhuuraa walii-qooduuf jacha gaggeessaa turre xumurra. Itti Dhihaadha!
2022-12-17
44 min
ILMAORMAA
S.6 Ep 88 Marii Dr. Abebe Diro Wajjin Gaggeessine Kutaa 2ssoo
Qophii torban kanaa keessattis waan torban dabre eegalle itti fufna. Waahee "AI Recommendation", dubbii meeshaalee "IoET" jadhamanuufi "cyber security", rakko magaalaafi hawaasallee gargar-qooduu, hooda-safuu dhaba AI mudatuu maluufi dalgaa-ala-tahummaa ilmanamaa teknologiin fiduu dandahuufii waan baayyee kan birorraa dubbanna. Itti Dhihaadha!
2022-12-10
37 min
ILMAORMAA
S.6 Ep 87 Haasaa Dr. Abebe Diro Wajjin Gaggeessine Kutaa Duraa
Marsaa 6ssaa eegalla! Torban kana, keessummaan keenya Dr. Ababaa Diro. Qophii keenya keessatti waan "digital" teknologiin taate, keessatti ammo waan kan akka "Artificial intelligence" fi "machine learning" fakkaatan irraatti professor huubannoota utubaa nuuf laata. Dhiihaadhaa!
2022-12-03
43 min
ILMAORMAA
S.6 Trailer - Dhaadhessa
Marsaan 6ffaan(Season 6) Torban dhufu akka eegaluuf deemuufi maalirraa akka dubbatuuf deemnu dhaadheessu.
2022-11-27
11 min
ILMAORMAA
S.5. Ep. 86 Impaayara Warri ባርያ ፈንጋይ Irreen Ijaaree, Qawween Utubaa Asiin Gahe Keessatti Nagaa Waaraa Argamsiisuun Nidandahamaa?
Qophii torban kanaa keessatti: Waan Ep81 irraa kaasee haga torban dabree(ep 85) haas'aa turre, jachuunis waahee qabsoo, waahee jaarmayaafi dubbii hogganaa guduunfina. Dhihaadhaa!
2022-10-23
42 min
ILMAORMAA
S.5 Ep 85 Hariiroo Nyerereefi Ummata Musliimaa Tanzaaniyaa. Kutaa 4ffaa
Qophii torban kanaa keessatti qooda ummata musliimaa qabsoo bilisummaa Tangaanikaa fii Tanzaaniyaarraa gabaabsinee dubbanna.
2022-10-16
55 min
ILMAORMAA
S.5 Ep 84. Aarsaa Nyerereefi Tanzaaniyaan Bilisummaa Afrikaaf Kafalan. Kutaa 3ffaa
Qophii torban kanaa keessatti: 1. Waan ummanni Gurraachi kan Afikaan-ala turan sochii ummata Gurraachaaf gumaachan: bilisummaa biyya Haiti, qooda jaarmayaa "Sons of Africa" 2. Waan "Marcus Garvey" dammaqiinsa ummata Gurraachaaf gumaache 3. Qooda Pan-Africanism bilisummaa Afriikaaf gumaache 4. Tattaaffii warri pan-Arabism(Gamal Abdel Nasser) warra Afrikaa of jalatti hiriirsuuf godhan 5. Afrikaanoonni gartuulee "the Casablanca Group" fii "the Monrovia Group" jalatti gar-gar qoqqoodamu isaani 5. Gumaacha Kwame Nkrumaan Pan-Afrikaanizmii, bilisummaa Afrikaafii "United States of Africa" ijaaruuf godhe 6. Aarsaa Mwalimu Nyerereefi Tanzaaniyaan bilisummaa Afrikaaf kafalanfi kkf gaggabaabsinerraa dubbanna. Dhihaadhaa!
2022-10-09
1h 59
ILMAORMAA
S.5 Ep. 83. Taanzaaniyaa Kolonii Jalaa Baasanii Ummata Bilisummaa Goonfachiisan Moo...? Kutaa 2ffaa
Baga Irreecha 2022n Isin Mara Gahe!! Qophii hardhaa keessatti: Qabsaahoonni Taanzaaniyaa bilisummaa biyyaa booda ummata ofii walabummaafii kabajaan bulchaa turan moo akkuma warra koloneeffataa mooti qorkee itti tahan? - Kaayyoon "Ujamaa" maal ture? Itti milkaahan moo ni hoongahan? - Mula'at "Arushaa Declaration" jadhamee beekamu maaliif labasan? Mul'atasan hoo hojiitti jijjiiru dandahani? - Bobbaa ummata ganda-gandatti kufeessuu (Ujamaa villages) fii kkf irraa gaggabaabsaan dubbanna. Dhihaadha
2022-10-02
1h 22
ILMAORMAA
S.5 Ep. 82 Preezidaant Nyerere Maaltu Hogganoota Afrikaarraa Addasa Godhee? Kutaa I
Qophii torban kanaa keessatti: - Seenaa Taanganyikaa; seenaa Zanzibaarfi seenaa ijaarsa biyya Tanzaaniyaa - Seenaa Preezidaantii Taanganikaafi Taanzaaniyaa jalqabaa kan ture Mwalimu Juliyaas Nyerere - Madda Ujamaa(African Socialism) irraa gaggabaabsinee warra amma dura hindhageenye dhageesisna. Dhihaadhaa!
2022-09-25
57 min
ILMAORMAA
S.5 Ep 81. Bilisummaan Fagoo Jirti
Qophii torban kanaa keessatti waahee jaarmayaa, tokkummaa gurmuu/kaayyoo fi hoggana ilaalchise yaada gabaabdu.
2022-09-18
31 min
ILMAORMAA
S.5 Ep. 80 Qabsoo Dheertu Uummatoota Biyya Chile fi Heera Isaan Tumatan
Qophii torban kanaa keessatti: Qabsoo uummatoonni biyya Chile gannoota dheeraaf gageessaa turaniifi heera haarayaafi faarfamaa kaluu kana isaan tumatan irraa gabaabsine dubbanna. Dhihaadhaa!
2022-09-11
46 min
ILMAORMAA
S.5 Ep. 79 Part II of Our Conversation about the Struggle of the Irish People
This episode is the 2nd & last of our conversation that we've started last week. In this Episode our guest: - talks about the recent history of the struggle of the Irish people. - explains the two wars that the Irish people have experienced in the early 20th century. - discusses the IRA, the internal divisions & factions it has gone through as well as spies & infiltrators that posed serious challenges to the struggle and the aspirations of the Irish people. - takes us through up to the Irish independence & discusses at what price they have achieved it. - also talks about close...
2022-09-04
58 min
ILMAORMAA
S.5 Ep 78 Conversation about the History, Struggles, & Triumphs of the Irish People - Part I
This week, we start with part I of the two parts conversation about the long history, struggles, challenges & triumphs of the Irish people with my guest Hugh. Please tune in & take the fascinating journey with Hugh when he aptly discusses the mythology & history of the Irish people that stretches back to thousands of years & touches the shores of Africa.
2022-08-28
50 min
ILMAORMAA
S.5 Ep. 77 Diinagdeen Weyta "Liberalized" Taatuu, Warra Kamtu Biyya Dhuunfachuuf Deemaa?
Sagantaan torban kanaa qophii torban dabrerratti hundaahuun "economic liberalization" amma gaggeefamaa jiruufi babballachuuf deemu keessatti warra kamtu faaydeeffachuuf, warra kamtu ammo miidhamuuf deemaa? irratti yaada gaggabaaduu laatuuf yaalii gooti. Dhihaadhaa!
2022-08-21
30 min
ILMAORMAA
S.5. Ep. 76. Gaanfa Afrikaa Keessatti Humnoota Kamtu Warra Lafaa Meeshaa Godhate Wal-lolaa, Jiraataa Ture?
Sagantaan torban kanaa, yaada dhuunfaa dubbii seena Gaanfa Afrikaarraa haga muraasa dubbachu taha. Gaanfa Afrikaa keessatti humnoota kamtu bara dheeraaf walhadhaa ture? Seenaa lolaa humnootni kun ol-aantummaaf gaggeessaa turan seenaa ummatoota warra lafaati jachuu dandeenyaa? Dhihaadhaa!
2022-08-14
38 min
ILMAORMAA
S.5.Ep. 75. Kitaaba "Principles for Dealing with the Changing World Order" Jattuun Walbarsiisu.
Torban kana Kitaaba, "The Changing World OrderWhy Nations Succeed and Fail" kan Ray Dalion barreeffamte warra dubbisu fedhu karaarra buusuuf mataa-mataarraa gabaabsine dubbanna. Dhihaadhaa!
2022-08-07
30 min
ILMAORMAA
S.5 Ep. 74. Premier League Season 2022/2023 Irratti Yaada Gaggabaabdu
Qophee torban kana jalqabamu Premier League 2022/2023 Season sababfachuun waan kubbaa-miilaarraa qabxiilee garagararratti yaada kennanna. Dhihaadhaa!
2022-07-30
50 min
ILMAORMAA
S.5 Ep 73. Barruu, "Who lost Ethiopia?" Irratti Yaada
"Who lost Ethiopia? The unmaking of an African anchor state and U.S. foreign policy" mata duree jattu jalatti Verhoeven fii Woldemariam, "Contemporary Security Policy" gubbaatti guyyaa 24 Jun 2022 maxxansanirratti yaada dhuunfa dhiheessa. Dhihaadhaa!
2022-07-24
1h 00
ILMAORMAA
S.5 Ep. 72 Conversation with Khadijah Abdurahman, an Independent Researcher & More
In this week's episode, our guest Khadijah covers child welfare system, issues of Indigeneity, the perils of the hyped A.I , the cyclical politics in the HoA & much more that only a person of her calibre can comfortable address. Please, tune in!
2022-07-17
1h 03
ILMAORMAA
S.5 Ep. 71 Janaraal Abdiisaan "Humni Poolisa Oromiyaa Maaliif Ummatatti Roorrisaa?" Deebi Nuuf Laata.
Seenaa Ijaarsa Poolisii Oromiyaafi rakkolee keessatti mullatan keessummaan keenya torban kanaa ball'inaan irraaa dubbata. Dhihaadhaa!
2022-07-10
1h 25
ILMAORMAA
S.5 Ep. 70 Kitaaba Jonathan Aldred, "Licence to be Bad " Irraa Gabaabdu Dubbanna
- Hawaasni Amma keessa jirru kun yaada eenyurratti utubame ijaarame? - Uuma ilmanamaa seeti akkam jiraarratti utubanii yaada isaani ijaarratan? - Waggoota 50 dabran keessatti Jijjiirmaa gama siyaasaa, hawaasummaafi diinagdee mull'ataniif eenyuufaatu qooda guddaa qaba? Yaada akkam jiraa maddisiisani? Gaaffilee kkf deebi Kitaabni kun laaterraa gaggabaasuun waluma hawwachiisuuf dhiheessina. Dhihaadhaa!
2022-07-03
40 min
ILMAORMAA
S.5 EP.69 Waltajjiifi Bobbaa Siyaasaa Baball'iffachuun Hammeenya Maal Qabaa?
Kurfii torban kanaa keessatti bobbaa fii ijaarsa siyaasaa baballifachuun barbaachisaa, yaada jatturraa dubbanna. Dhiihaadhaa!
2022-06-26
49 min
ILMAORMAA
S.5 Ep. 68 Marii Dr. Bizuneh, Barsiisaa Polotikaa, Wajjin Gaggeessine- Kutaa II
Marii torban kanaa keessatti: Mootummooleen naanno mirga waahee lafaa, barnootaafi baajata(fiscale autonomy) irratti heeraan qaban akkam ture? Mootummooleen naanno mirgoota, imaammataafi bulchiinsa lafaa, barnootafi baajatarratti qaban hagam hojiin hiikan? Waggoota 25(1995 haga 2020) mootummaan EPRDF mirgoota naannoleen qaban tooftaaa akkam jiraan irraa sharafaa deemaa ture? Gaaffilee kkf ballinaan marihataman. Dhihaadhaa!
2022-06-19
52 min
ILMAORMAA
S.5 Ep. 67 Dr. Buzunaa- Barsiisaa Polotikaa - Wajjin Waahee Federaalummaarraa Marii Gaggeessine--- Kutaa Duraa.
Waltajii siyaasaa gubbaatti warri gariin, "nuti humna Federaalaawaati. Warri kaan warra Unitaari. Wara nyaapha federaalummaa sab-daneessaati" jadhani himatu. Garuu, nama hagamtu waan sirni Federaalummaan tahe sirriitti keessa beeka? Deebi gaaffii kanaafi kan kkf danuu isaaniitiif marii kanarraa argattu. Marii kana keessatti: waan sirna Federaalummaa ilaalchisee gaaffiilee gurguddoo isin qabaachaa turtan marti deebii quubsaa argatu. Kanaaf, jalqabaa kaastanii hamma dhumaatti yoo obsaan caqastan waahee federaalummaa, wahee sirna federaala Xobiyaarraa huubannoota gahaa akka oomishattan waadaan isinii seena. Kanaaf, qalbiin akka caqastan kabajaan isin affeeraa- dhihaadhaa!
2022-06-12
56 min
ILMAORMAA
S.5 Ep.66 Mootummaa Warra Ankober Buqqisuu Moo Tinn'isuut Oromiyaaf Fala?
Sagantaa duraa kan Marsaa 5ffaa (season 5) gabaabdu kana keessatti: - Mootummaa warra Ankober tan gatantaraa jirtu tana Oromoon tinisuu mo buqqisuutu isaa woyyaa? - Bu'aa qabsoo warri aangoo mootummaa qabachuuf gaggessu ummataafj biyyaaf qabu - Qabsoo warri biyyaa(indigenous) gaggeessaniifi bu'aa isaa, fii - Kubbaa Miilaa Kilaboota Awuroopa ka barana xumurameerraa dubbanna. DHIHAADHAA!
2022-06-05
40 min
ILMAORMAA
SEASON 5. Trailer
TRAILER(Dhaadhessa)! Marsaa 5ffaan(season 5) torban dhufu, Waxabajjii guyyaa 5, irraa kaasee eegala. Dhihaadhaa!
2022-05-28
01 min
ILMAORMAA
S4.Ep 65. Conversation with Nunu Wako
This week, our guest is Nunu Wako. In this episode we talk about: - the security situation in the HoA - the dynamism of the Oromo youth movement & its continued contributions towards the betterment & defence of the interests of Oromo people - the Gadaa system & its institutions & values & their contribution to fostering democracy - her time with the office of the Prime Minister of Ethiopia before the transition to democracy got subverted - any hope that the HoA breaking out of the cycle of war, violence, repression, and famine an...
2022-05-01
1h 26
ILMAORMAA
S.4 Ep 64. Haasaa Hogganoota Waraanaa Jidduu Gaggeeffamteefi Galii Qabsoo Hidhannoo
Sagantaa gabaabduu tana keessatti: - Haasaa hogganoota waraana lama jidduu taate - Qabsoo hidhannoo Oromiyaa keessatti gaggeessuu - ummatni Oromiyaa diddaaf amallee qophii tahuu dhabuusaarraa
2022-04-24
30 min
ILMAORMAA
S.4.Ep 63. Dr. Ibsaa Dugda Kallachaa Wajjin Kutaa 2ffaa
Dr. Ibsaan qormaata, "Protests, Development and Democratization in Ethiopia, 2014-2020" irraa dubbata : Dhihaadhaa! Yaadaafi qeeqa qabdan toora Telegram t.me/ilmaormaa1 dhaamaa.
2022-04-17
1h 17
ILMAORMAA
S.4. Ep62 Marii Dr. Ibsaa Dugda Kallachaa, Hayyuu Polotikaa, Waliin Gaggeesine
Mariin kun qormaata Dr. Ibsaan, "Protests, Development and Democratization in Ethiopia, 2014-2020" gaggeesserratti hundaaha. Waan baayyeerraa dubbanne. Caqasaa!
2022-04-10
1h 04
ILMAORMAA
S.4 Ep 61. Yaadannoo J. Galaasaa Dilboo
Yaadannoo Jaal Galaasaa Dilboo fii Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromiyaarratti Telegram :
2022-04-03
36 min
ILMAORMAA
S4.Ep60 Haasawaa Injinaar Baallamii Waliin
Sagantaa Kana keessatti, injinaar Baallamii waliin haasaa dheertu gaggeessine. Mee qalbiin caqasaa! Telegram: https://t.me/podcast_ilmaormaa
2022-03-26
1h 51
ILMAORMAA
S4 Ep.59 Injinaar Dhaabaa Urgee Waliin Haasawaa Gaggeessine
Torban kana injinaar Dhaabaa wajjin amna qabsoo Oromiyaa ka dabree, hardha sadarkaatti jiruufi ka heegarillee waan baayyeerraa dubbanne. Dhihaadhaa! < >
2022-03-20
1h 47
ILMAORMAA
S.4.Ep58 Hammeenya Raawwatame Jadhamee Naanneffamaa Jirurraa Hagam Fagoo Jirraa?
Gocha sukkanneessaan mull'ifamu kun, woyi ka duraatii ? Amma dura bakka heeddutti bifa garagaraan raawwatamaa hinturree? Waltajjiin siyaasaa Oromiyaa gochoota kana fakkaatanirraa bilisaa? Gaaffiilee kkf irraa dubbatama-- itti dhihaadhaa.
2022-03-13
52 min
ILMAORMAA
S4.Ep 57. Yaadasaa Badhaasaa, Hayyuu "International Relations", Waliin Haasawa
Waan Waliin Haasofne Keessaa: - Ajjeechaafi gidiraa godinaalee Oromiyaa keessatti ganna afran dabran raawwatamaa jiru - Dagaagina qabsoon bilisummaa Oromiyaa dhaloota tokko gama dhaloota kaanitti agarsiise - Aadaa, hoodaafi seera Gadaa maaliif guddisuun dadhabame? ***Yaada, qeeqa, keessumma dubbifamuu mala jattaniifi kkf teessoo keenya "Telegram" kanagubbaatti nuuf dhaamaa --- (https://t.me/podcast_ilmaormaa)***
2022-03-06
1h 35
ILMAORMAA
S.4 Ep56. Ukraaniyaafi Ruusiyaan Maalirratti Waldhaban?
- Seenaa gabaabdu hariiroo Ukaraaniyaafi Rusiyaa - Madda rakkoo isaan jidduu jadhamee himamu - Walitti-bu'iinsa bara 2014 irraa egalee mulla'ataa jiru - Seenaa fii dhibdee isaan jidduu deemaa jiruufi birmannaa biyyoota biroorraa maal baranna?
2022-02-27
48 min
ILMAORMAA
S.4 Ep. 55 Haasawaa Prezidaantii Leylaa Wajjin
Prezidaanti Waldaa Hawaasa Oromiyaa Minesootaa wajjin goone keessatti: - Deemsa qabsoo bilisummaa Oromiyaa - Gamtaa jaarmayaalee bilisummaa Oromiyaa - Hojii diplomasiifi advocacy keessatti hirdhina jiranuufi milkii argamanifi kkf Telegram : < >
2022-02-20
1h 29
ILMAORMAA
S4.Ep54 Haasawaa Weellistuu Muluu Baqqalaa wajjin
Haasaa Keenya Keessatti: - Haala Jiruu dubartootaa Oromiyaa Keessatti - Maaliif dubartoonni hedduun waltajjii artiirraatti mull'achuu hanqatan - Waltajjiin Siyaasaa Oromiyaa sadarkaarra jiruu - National Dialogue jadhamu kun bu'aa Oromiyaaf qabaachu-dhabuu isaa - Hawaasa Oromiyaa Austraaliyaan moggeeffamusiifi kkf Telegram :
2022-02-13
54 min
ILMAORMAA
S4.Ep53. Haasawaa Janaraal Abdiisaa Wajjin
Marii biyyooleessaa afarfamaa jirurraa Oromiyaan qooda qabdii? Maaltu nagaa waaraa argamsiisuuf guufu tahaa? Gaaffiilee kanaafi kabiroo kana fakkaatanu dhaleessuun ball'inaan irraa dubbanne. Itti dhihaadhaa! Telegram:
2022-02-06
1h 15
ILMAORMAA
S.4 Ep 52. Haasawaa Qabsaawaa Gameessa fii Entrepreneur, J. Fatii Abbaamaccaa Waliin Gaggeessine
Haasaa keenya hardhaa kana keessatti dantaa bilisummaa Oromiyaa laalchisaa qabxiilee baayyee kaasne yaada walii jijjirree jirra. Telegram:
2022-01-30
1h 26
ILMAORMAA
S4. Ep 51. Haasawaa Hayyuu Soshologiifi Falmattuu Mirgaa - Badittii Abbaajifaar
Hasawaa kana keessatti: - Jaarmayaaleen Oromiyaa hagam balballisaani qarreefi qeerroof banaa akka tahe - Hirdhina ijaarsa dhabuu fideefii fidaa jiru - Gufuu waltajii qabsoo bilisummaa Oromiyaa gubbaatti dubartoota addatti mudatuufi kkf Telegram:
2022-01-23
1h 27
ILMAORMAA
S4. Ep 50. Haasawa Falmattuu Mirgaa fii Hayyuu Polotikaa Faaxumaa Badhaasoo- Kutaa 2ffaa
Kutaa Lammaffaa kana keessatti: - Araara humnoota Abashaa lameen jidduu deemaa jiru - Jaarmayaa Oromiyaa bifa, aadaa fii eenyumaa Oromiyaa calaqqisurratti utubuu - Qooda dubartootaa waltajjii siyaasaa fii hawaasummaa kan Oromiyaa gubbaatti - Hirmaannaa Qabsoo 'Tweeter' gubbaatti gaggeeffamaa jirurratti fii kkf ball'inaan Telegram:
2022-01-16
49 min
ILMAORMAA
S4. Ep 49 Haasawaa Falmattuu Mirgaa fii Hayyuu Polotikaa, Faaxumaa Badhaasoo Wajjin- Kutaa I
Hasawaa ball'oo kana keessatti: - Haala Oromiyaa - Injifannoo galmaawanii fii hirdhinoota mull'atan - Fuuldratti oofuuf maalfaa gochu akka qabnuu fii waan heddu ka biroo Telegram:
2022-01-09
48 min
ILMAORMAA
S3.Ep.48 Amna Ganna Tokkoo
------- BAGA BARA HAAREYSA 2022n ISIN GAHE! - KA BARANAA, KA BARA HEDDU!!----------- - Waan Waggaa Tokko Hojjannerraa Gabaabsaan - Resolution kan bara 2022
2021-12-31
37 min
ILMAORMAA
S3.Ep 47. Boqonnaa Haarayaa
- Ajeechaa Abdujabar Huseen (NPR) - Habashoonni Yaroof Walhadhuu dhaaban - Janaraal Xaadqaan - Habashoonni Shaggar Jiran Aangoorra Turuuf tarkaanfii fudhachuu malan - sirna jiru diiguu - Waltajjii Siyaasaa Oromiyaa
2021-12-26
44 min
ILMAORMAA
S3. Ep46 Hogganoonni Durii ABO Maaf Jaarmayaa Kana(garee tokko) Balaaleffatu?
- Namoota Faarsuurraa gara Gamataa Jabeeffachuutti waltajjiin Siyaasaa Oromiyaa yoom taakkaa? - Ulaagaa Goota , Hayyuu, Qabaahaa-bilisummaa, Lammiin-boonaafii kkf waltajjiin siyaasaa Oromiyaa lafaa qabaa? - Waltajjiin siyaasaa Oromiyaa gandaa fii gosaaan walfoohurraa adda bahuu dandahaa? - Haalla siyaasaa gaanfa Afriikaa dhaabbata hinqabneefii qooda Turkii
2021-12-19
43 min
ILMAORMAA
S3.Ep 45 Dhibee Gurguddaatu Waltajii Siyaasaa Oromiyaa Gubbaatti Mull'ata
- Ajeechaa Karrayyuurratti raawwatameefii hawaasa ball'aarraa baabasadhaba - Haala hawaasa keessatti mull'ataniifi ajajaan WBO, J. Marroo Kumsaan. itti rakkataa jirurrattti yaada - Lolli gurmuu Habashoota lamaan jidduu deemaa jiru qaqabbanaahuu - Dubbiin siyaasaa Oromiyaa suutumaan waltajii siyaasaarraa moggeeffamuufi kkf
2021-12-12
45 min
ILMAORMAA
S3.Ep44 "Barcuma Kabajaa Abbaatu Of-jalaan Deemmata"
- Ajeechaan Ummatarratti Raawwatamu Guddachaa fii Fardeeffamaa Adeemaa jiraachu - Jaarmayaa Mirga Namaa Falmu Kan Ummata Oromiyaaf Qooqa Tahu Dhabuu - Jaarmayaaleen Siyaasaa fii Humni Waraanaa Ajeechaafii Miidhaa Ummatara Dhaqqabu Silaa Gabaasuurraa Of-qusate - Dubbii Lola Xobiyaarrat Warri Adiin Of-duuba Deebi'iaa ka jiru fakkaata. *Yaroo waan dhabeef 'edit' hingoone. Ka jall'ate qajeelfataa, caqasaa!
2021-12-05
43 min
ILMAORMAA
S3. Ep 43. Waltajjiin Siyaasaa Oromiyaa Ka Xaliilaa Deemaa Jiru Hinfakkaatu
- Maanguddummaan/araarri ka milkaahaa jiru hinfakkaatu - Lolli yaroo heerragamerraa dheerachu mala - Warri PDCI(Peace & Development Center Intl) dhoksaan maal gaggeessaa? Eenyutu iccitii isaanii ga'bbaasutti shakkamaa? - Kaayyoon Oromo fedhii warra PDCI wajjin walsimataa? Hoggani gurmuu kanaa seenaa keessatti yaroo inni Oromiyaaf baabse jiraa? - Sheeko - sheeko Diagoras warra Griik fii dubbii Survivorship Bias(Abraham Wald) fii xabiyaa waltajjii siyaasaa Oromiyaa.
2021-11-28
36 min
ILMAORMAA
S3.Ep42. Waan Asdeemaarraa Yaada Gabaabaa
- Mariin Araaraa Garamitti Adeemaa Jira Fakkaata? - TPLF Yoo Angoot Kadeebituu Daandii Siyaasaa, Diinagdeefii Waraanaa Kamfaarraa Deemuu Maltii? - Warri Oromiyaa Mootummaa Cehumsaa(ykn Kabiraa) Akkamii Ijaaruuf Deemu? Miragasan Essarraa/Eenyurraa Argatan?
2021-11-21
31 min
ILMAORMAA
S3.Ep41. Humni Oromiyaa Waltajii Marii Araara Gubbaa Maaf Dhabame?
- Glasgow Climate Pact(Murtii COP26) maalfaa waan haarayaa murteesse? - Warra kamtu murtii Glasgow Climate Pact irraa quufa dhabe? - Qoqqobbiin Diinagdee warra Eritraarratti murame hagam miidhuuni dandahaa? - Humni Siyaasaa Oromiyaafi OLAn biyya dhuunfatanii taliiguuf ammallee qophii gahaa hinqabanii dubbiin jattu maal akeekti?
2021-11-14
31 min
ILMAORMAA
S3.Ep 40 Waltajjiin Siyaasaa Oromiyaa Ititee Qabsoo Bifa Bayyanataan Gaggeessuuf Qophii Gahaa Qabaa?
- Taatewwaan torban kana karaa mootummootaafi jaarmayaalee ambaarraa - Ajandaa Shan Waltajjiin Siyaasaa Oromiyaa haala haaryaa mull'ataa jiruufii mull'atuuf deemu milkiin Gaggeessuuf Qophii Tahuu-Dhabuusaa Madaaluuf
2021-11-07
58 min
ILMAORMAA
S3. Ep39 Kandabrerraa Barachuun Ka As Deemaaf Hagam Qophooftanii Jirtan?
- Waan yaroo gabaaba as deema isin mudaturra aanuuf maal karoorfattani jirtan? - Galii guddoo bira gahuuf maal malattanii lafaa qabdu? - Akka baroota dabranii san ka dhufee-dabraa maraaf harka dhahuu, shubbisuufi ragaduurraa dhaabbachuuf sammuu ofii qopheessitanii jirtu? - Gaangee warra aango qabatu mara jala kurkuruun "nu gahe!" jattani gaaraa murattanii?
2021-10-31
39 min
ILMAORMAA
SE3.Ep38 October guyyaa 31 haga November guyyaa 12 bara 2021 Idil-Aduunyaan Maaliif Magaalaa Glasgowt Walgeessi?
Waan waggoota 30n dabaran marihatameefii murteeffameen addatti COP26 waan haarayaa kan aduunyaa furu maalfaa murteessuuf deemti? Waahee "Global Warming" Qorachuufii marihaachuun yoom jalqabame? Eenyufaatu xurree saaqe? COP1 haga COP25 waan jajjaboo maalfaa murteessan? Dubbii "Global Warming" fii miidhama uumamaa(environmental degradation) falmuun yoom eegalame? Eenyufaatu adda durummaan qabsaahe? Walgahii Idil-Aduunyaa kan COP26 jadhamee ball'inaan himamaa jiru kanarratti eenyufaatu hirmaatuuf deemaa? Eenyufaatu irraa hafe? Afrikaan walgahii kanarraa bu'aa maali argachuu malti? Doolara Ameerikaa biliyuuna dhibba($100 billion) gumaachuuf warri waadaa seenee ture, barana wayi kennuuf jiraa? Warri dubbiin "Global Warming" dharaa(a hoax) jadhee mormu maal faa himataa?
2021-10-24
1h 18
ILMAORMAA
S3. Ep.37. Qonnaan Jiraattoota aduunyaafi Warri Qonnarratti Qormaata Gaggeessu UN Morman
- "United Nations Food Systems Summit" maaliif qonnaan jiraattootaafi qorattoota warra isaan deeggaran ofirraa fageesse? - Maaliif Qonnaan Jiraattonni Afrikaa gariin "Alliance for a Green Revolution in Africa (AGRA)" dura dhaabbatan? - AGRAn Qonnaan Jiraattoota Afrikaaf faaydaa moo miidha itti fide? - Warri tujaaraa maaf qaalitti Agnes Kalibata jadhamtu of dura qabaa? Maaf warri Afrikaa ammo ofirraa achi dhiibaan? - Warri World Economic Forum ajandaa "great reset" fii "Stakeholder Capitalism" maaliif gaggeessuu? - UN Agenda 2030 Keessaa galiin beela balleessuu jadhu hagam milkaahaa jira?
2021-10-17
40 min
ILMAORMAA
S3.Ep36 Galiin Warra Dirree Qabsoo Jiruu Maal?
- Warri UN, EU fii US Habashoota lameen keessaa tokko filachuun rakko kan itti tahe fakkaata - Oromon waltajjii siyaasaa baayyeetti faffaca'ee jiru kun ummata miidhaaf hinsaaxilu? - Aadaan waltajjii siyaasaa Oromo kan kaleessa dhibdee guddoo uume sun, hardha jijjiirame jiraa? - Twitter gubbaa qooqni Oromo xiqqaa
2021-10-11
43 min
ILMAORMAA
S3.Ep35. Oromoon Ofiin Ijaaramu Maaliif Uggurama?
- Qoqqobbii Motummaan Ameerikaa dabarsee fii yoo AGOA itti ida'e miidhaa ummataa - Humna maqaa Oromon TPLF jalatti ijaaruun faaydaa maal qabaa? - Duula Propganda Habashoota jidduutti waltajjii hawaasummaa gubbaattti deemtu
2021-10-03
43 min
ILMAORMAA
S2.Ep34 Afriqummaa(gurraachummaa) Jabeeffachuu
- Odeessa Habashaa lameen walhadhaa jirtu araarsuuf haalduree kaayaman - Asaasa ijoolleen Oromiyaa bifa haarayaan, beekumsaan masakamtee qooqa ofii ol-ka'aan gurraachummaa ofii mirkaneessuuf bobba jalqabuu qabdii
2021-09-12
42 min
ILMAORMAA
S2.Ep33. Guduunfaa Hiikuun Dadhabame!?
- Rakkoo HoA furuuf carraaqqiin haga hardhaa godhaman furmaata hinargamsiifne - Dhibeen HoA guddaan aadaa gari-gariifii qor-qalbii namaa keessa jiraattinnaa? - Balloo, dhibee fii furmaatni HoA seenaa warra abbaa lafaa keessa dhokatee jiraattinnaa? - Eenyuu ka yaroo mara "ka'i !" jadhamee biddatti darbamu; warra kamii ka ofii nagaan taa'ee ilmaan hiyyeeyyii lolatti bobbaasu? - The Wampum Prayer( Eebbaa Wampum) irraa xiqqoo dubbisna. Seenaan kun seenaa warra abbooti biyyaa Gaanfa Afrikaan bakka walfakkaatu qabaa laata? - The Gordian knot (Guduunfaa Gordian) Aleksaandertu hiike jadhama. Guduunfaa/xaxaa HoA hoo eenyutu hiikuuf jira?
2021-09-04
1h 01
ILMAORMAA
S2Ep32. Hayyee! Maalitti Jirma?
Waljijjiirraa Yaadaa J. Abdiisaa Waliin: - Haala HoA keessatti mull'achaa tureefii mull'ataa jiru - Humnoota akka jaboo humnaa leejisaa fii hidhachiisaa jiran - Nagaa waaraa argachuuf maaltu dalagamuu qabaa ? - Haalli amma mull'atu kun wolmariin yoo gaggeeffame male gaaga'ama dhaqqabu malu -
2021-08-29
1h 30
ILMAORMAA
S2.Ep31 Haga Yoom Ofirratti Humna Biraa Aangoomsuun Itti fufaa?
- Siyaasaan gandummaarrat utubamtee "ijaa baafannaaf" gaggeeffamtu biyyaaf faaydaa qabdii? - Haga yoom Oromoon gartu Habashaa ofirrat moosisaa; ofiihis walirraatti duulaa jiraataa? - TPLF fii Warri EPRDF hafan marti yakka bulchiinsa isaani jalatti raawwatameef seeratti dhihaatu qaban - Xobiyaan nagaa waaraa argachuuf waltajiin ummataa fii humnootni siyaasa mara walqixa hirmaachisu jiraachuu qaba
2021-08-22
49 min
ILMAORMAA
S2.Ep30. Jiijjiiramni Haala Qilleensaa Akkaan Sodaachisaa Tahee Jira - Gabaasa IPCC AR6
- IPCCn maali isiin, maal dalagdi - gabaabsaan - Uumama akkamiin gargar qoodani qoratu? - Jijjiirama haala qilleesaa(climate) tooftaa kamiin qoratu? - Gabaasnii haareysi kun maal faarraa dubbataa? - Gabaasa kana dhagahuun maaliif na fayyadaa? Fii kkf
2021-08-15
53 min
ILMAORMAA
S2.Ep29 Aadaa Qawween Olaantummaa Mirkaneeffachuu
- Ilaalchaafi Aadaan Irree fii loaalaan Olaantummaa mirkaneeffachuuf carraaquun yoom raawwataa? - Qabsoo Oromoo sadarkaa haarayaafii qaraa taheetti olguddachuurraa maaltu hanqise? - Oromoon qabsoo sabaa gaggeessurraa gama qabsoo biyyaa gaggeessuutti taakku qabaa? - Qubsumtiifi seenaan Oromoo ummatoota/saboota baayyee waajjin akka bifa hedduun walitti hidhata horatu taasisani jiran. Garu dhugaan kun waltajii siyaasa Oromo gubbaatti bakka gayaa argatee jiraa?
2021-08-07
48 min
ILMAORMAA
S2.Ep28. Warri Xiiqii/ Haaloon Gulufu Ummata Qilee Hamtuutti Darbuuf Deema
1. Sodaa Ibiddi Ethnic War qabsiifame biyya maraa gubuuf akka dandahu 2. Ibsaa fii ijaarama "World Oromo Congress" irratti yaada gaggabaabo fii gaaffiilee qabnu
2021-07-30
47 min
ILMAORMAA
S2.Ep27. Satoshi Nakamoton Eenyu? CRYPTOCURRENCY - Kutaa 5 (Maayyii)
Sagantaa hardhaa keessatti: 1. Warra Bitcoin ummata ball'aat gadbaatee akka milkooftu qooda guddaa gumaachan keessaa: Martti Malmi, Gavin Andresen, Laszlo Hanec(pizza guy), Ross Ulbricht (Silkroad), fii Jed McCaleb (Mt.Gox) 2. Warra "Satoshi kan jadhamu ana!" ofiin jadhuufi kan warri garii "tarii abaluun kun Satoshi tahinna?" jachuun shakkan keessaa: Craig Wright, Dave kleiman, Debo J. E. Guido, Margaret Runchey fii Dorian Prentice Satoshi Nakamoto 3. Warra "lakki an Satoshi miti! " jadhee mormatu garuu ka gabaan ragaa walitti guurte "Satoshi dhugaa" jattee heerragdu keessaa : Wei Dai, Adam Back, Nick Szabo, Len Sassaman fii Meredith L. Patterson, fii Hal Finney irraa ball'inaan dubbanne Bitcoin Net...
2021-07-23
3h 10
ILMAORMAA
S2.Ep26. Warra Bitocoiniifi Cryptocurrencyif Xurree Saaqe : CRYPTOCURRENCY - KUTAA 4
- Cryptography - Public Key Cryptography(Deffie, Hellman fii Merkle); RSA(Rivest, Shamir, and Adleman); Mix networks(David Chaum) ,fii PGP(Phil Zimmermann) - Digital currency(e-qarshii) dhibbaan lakkaawaman ka Bitcoin dura mull'atani garu hoongawan - Chaos Computer Club(CCC), Extropianism, Cryptome, fii Sochii Cypherpunk - Penet, Tor network, Napster, BitTorrent(BT), the Pirate Bay(TBP), fii Wikileaks
2021-07-16
1h 34
ILMAORMAA
S2.Ep25. ALTCOINS, ETHEREUM fii NFT : CRYPTOCURRENCY - KUTAA 3
- Rakko /hirdhina Bitcoin qabdu : scalability, interoperability, fii carbon footprint - Altcoins keessaa garii fakkeenyaaf ilaaluu - Ethereum: gas, Ether(ETH), validators, PoS, shard, Beacon Chain kkf - Stablecoins : Fiat pegged, Algorithm backed, Commodity backed - Non-fungible Tokens(NFT) : "Everydays: The First 5000 Days" kan Beeple gurguratee fii kan biraallee.
2021-07-09
2h 02
ILMAORMAA
S2.Ep24. BLOCKCHAIN fii BITCOIN : CRYPTOCURRENCY - KUTAA 2
- Blockchain teknologiin maalirrat hundeeffamee? - Ayinaa Blockchain keessa mursaa fakkeenyaaf - Bitcoin maal isiin? - Bitcoin maalirrat utubamte? Akkamiinis Omishamtii? - Bitcon Miners, Transaction validation, Cryptographic hash function, Digital Signature, Merkle Root - Byzantine Generals' Problem, double spending , difficulty target kkf irraa gaggabaabsine haassofna.
2021-07-02
1h 39
ILMAORMAA
(Audio Edited) - S2.Ep23 CRYPTOCURRENCY - KUTAA 1
Cryptocurrency aduunyaan amma itti maraata jirtu tun maal isiin? Bitcoin faa bitachuuf maaltu nama feesisaa? Eessaa bitachuun dandahamaa? Seenaa gabaabaduu waan maallaqaa fii baankiifi waan kan fakaatan ************************************************* * Podcastii Ilmaormaa : @ilmaormaa1(Telegram)* ************************************************
2021-06-26
1h 30
ILMAORMAA
S2.Ep23. CRYPTOCURRENCY - KUTAA I
Cryptocurrency aduunyaan amma itti maraata jirtu tun maal isiin? Bitcoin faa bitachuuf maaltu nama feesisaa? Eessaa bitachuun dandahamaa? Seenaa gabaabaduu waan maallaqaa fii baankiifi waan kan fakaatan ************************************************* * Podcastii Ilmaormaa : @ilmaormaa1(Telegram)* ************************************************
2021-06-25
1h 26
ILMAORMAA
S2.Ep22 Cidha Humna Ortomaaraa Deebisee Ijaaruuf Hojjataa Jiru
- Humni Oromo bakka lamatti qoodame jira! Warra Ortomaaraa wajjin cidha qopheeffataa jiruufii warraa hidhaa - bosana jiru. - Oromoon marraa baayyee odoo lafti hinifiin maalif "nuu barihee! bilisoomne!" labsaa turte? Heger dogoggora akkanaarraa akkamiin of hambisuun dandahamaa? - Warra kamfaatu Oromiyaa qircaa godhachuuf, Oromo facaasuuf hiriira galee jira? - Balaa humni Ortomaaraa ummatoota indigenous tahanirraan dhaqqabsiisuuf qophaa jirurraa akkamiin of dandaman fi kkf
2021-06-18
1h 15
ILMAORMAA
SE2.Ep21 Jijjiirraa Siyaasaa/Mootummaa Asdeemaa Jiru
- Miseensa, deeggaraa fii ummata jaarmayaa kam duubaan dhaabbatee jirutu waan barbaadu goonfachuuf qophii gahaa godhatee jiraa? - Jaarmayaa/Jaarmayoota kamtu jijjiirraa asdeemaarraa bu'aa argachuuf jiraataa?
2021-06-11
1h 03
ILMAORMAA
S2.Ep20 Mootummoonni fii Humnoonni Adda Addaa Maaliif Iccitii Walii Karaa Subqunnamtiin Gadbaasuu?
- "Iccitii" Kello Median baaseen eenyu faatu bu'aa argate/argachuuf deemaa? Eenyuutu miidhame/miidhamuuf deemaa? - Kaayyoon Kello Median woyta kana "iccitii" san gabaarraa olcheef maal tahuu malaa? - Subqunnamtiin mull'atni siyaasaa ittin masakame qulqullaahe hinbeekamne hujiin isaa amanamuu dandahaa? - Seenaa gabaabaa gaazeexoota keessaa warra ibidda lolaa Ameerikaa fii Ispaanyaa jidduut qabsiisan jadhame himamu - Dubbii "Mik Adra Massacre" jadhamtee afarfamtee keessat qooda "Amnesty International" fii subqunnamtii garagaraa...kkf
2021-06-04
59 min
ILMAORMAA
S2.Ep19. Haasawaa Entrepreneur Obbo Abdusalaam Waliin Goone
Haala Jiruufii Jireenya ilmanamaa Jiruu biyya ambaa akka itti moohatan Akkamiin magaalaa New York keessat milkaawe Fayyaa ofii fii fayyaa hawaasaaf gumaacha inni godhaa jiru Jiruufi Jireenya Ameerikaa Hujii/jiruu qalbiin namaa hawwitu ijaarrachuu dandahu fii kkf
2021-05-28
1h 29
ILMAORMAA
S2.Ep18. The State of Political Transitions in the Horn of Africa
Cehumsaa Suudaan, Somaaliyaa, Somaalilaand fii Xoobiyaa keessaat deemaa jiru maal irra jira? Biyyoota kana keessaa kamtu ammaaf ka milkaahaa jiru fakkaataa? Xobiyaa qarqaraa gamaa hallayyaat qaarisaa jiranii?
2021-05-22
1h 23
ILMAORMAA
S2.Ep18. The State of Political Transitions in the Horn of Africa Region
Haalli Cehumsaa Suudaan, Somaaliyaa, Somaalilaand fii Xoobiyaa keessaat deemaa jiru maal fakkaataa? Biyyoota kana keessaa kamtu ammaaf ka milkaahaa jiru fakkaataa? Xobiyaa qarqaraa gamaa hallayyaat qaarisaa jirani? --- Send in a voice message: https://anchor.fm/dihalogi/message
2021-05-22
1h 22
ILMAORMAA
S2.Ep.17 Odeessa Garagaraa fii Gabaasa Kitaabaa.
- Kitaaba, " 2030: How Todays Biggest Trends Will Collide and Reshape the Future" Prof. Guilleniin barreefamerraa gabaasa. - Seera dhablummaa fii abbaarrummaan guddachuu - Musliimotni Xobbiyaa haga yoom akka Arabaat ilaalamu? - Qabsoon hidhanno amma gaggeeffama jira jadhame himamu, ka warra duriirraa maaliin adda?
2021-05-14
1h 29
ILMAORMAA
Season 2 Trailer
Announcing the begging of season 2.
2021-05-08
00 min
ILMAORMAA
S.1 Ep.16. Marii Janaraal Abdiisaa Waliin
- Nyaaphni uummata Oromo dhara "genocide” jadhuun aduunyaa birat yakkee fudhatama dhabsiisuuf ragaa guurrataa jira . - Humni Oromo iddo sadiitti qoodamee walirra aanuuf carraaqqiin godhu Oromo laaffisee bittineessaa jira. - J. Abdiisaan argaa-dhageettii ijaarsaa fii caasaa Oromo kan akaakayyuu jalatti barate nuun qooddata. - Qarrree fii qeerroon maalturraa eegamaa . BEEKSISA!!! Podkaastiin Ilmaormaa ka marsaan duraa(season one) Episode kanaan xumuramti. Torban muraasaaf boqonnaa fudhanna. Marsaan 2ffaan (season two) May 14, 2021 irratti jalqaba. Hagasuu, Nagayaan nuuf turaa!
2021-04-02
1h 48
ILMAORMAA
S.1 Ep.15. Duula Waraanaa Oromo Walloorratti Labsamee fii Dhiibbaa Warra Xobiyaafi Eritraarrat Godhamaa Jiru
- Abiy Ahmaad Parlaamaa warraa gubbaat Xobiyaa guutuu Amaareessuuf muratee ka'uu isaa ifate hime - Oromoon ballo'oon Oromo Walloo waltajii hawaasummaa gubbaatti bifa mishaa taheen mull'isaa jiraa? Moo ummata lola malee waan biraa hinbeekne godhee fokkisiisaa jira? - Oromoo Walloo sooshaal midiyaa gubbaat bifa kamiin midhaagsaan mull'isuun isaaniif bu'aa qaba? - Ziyaara Senator Chris Coons Xobiyaat godheefii bu'aa isaa - Qoqqobbi warri Awuroopa seera 'European Magnitsky Act ' hujiirraa oolchun fudhatan - Warri Awuroopa if Ameerikaa gamataan dhiibbaa Xoobiyyaafii Eritraarratti godhaa jiran - Mana Marii Ol'aanaa Ameerika Murtee (S. RES. 97) dabarse keessaa warra jajajjaboo tahan
2021-03-26
47 min
ILMAORMAA
S.1 Ep14. Inqilaabni Dura Taa'aa ABOrratti Raawwatame Woyi Waan Haarayaa?
- Inqilaabni ABO keessat yoom eegalame? - Qabsoon Oromo Jaarraa 21ffaa ABO susuphuun gaggeessuun ni dandahamaa? - ABO fii qabsoo bilisummaa Oromoo diiguuf eenyufaatu irratti bobbahee jiraa? Maaliif?
2021-03-19
42 min
ILMAORMAA
S.1 Ep13. Walaloo
Maalirraa si olchaa ka'jaarratte martii ? - Rawlinson, LAY of HARPER (1886) Yoo - Kipling, IF (1895)
2021-03-12
35 min
ILMAORMAA
S.1 Ep.12. "Sirni Gabbaarummaa Haareeysi As Deemaa Jira"
Episode (qophii) tanarratti: - Aduunyaan ta gartuun xiqqaan daangaa-dabraan irratti tujaaraa jirtuufii ummatni ball'aan ammo daran itti hiyyoommtaa jiru tun garam jall'ataa jirtii? - Sirni Gabbaarummaa haareeysi biyyoota kam gubbaat ijaarmaa jiraa? - Sirni Gabbaarummaa haareeysi kun maal fakkaataa? Warra kamtu irraa fayyadeeffata? - Sirni Gabbaarummaa haareeysi adunyaa gubbaat diriiraa jiraa sodaatamu kun maalirraatti hundaahaa? - Xobiyaafii biyyotni teknoloojiin haga ammaa hinbayyanatne sirna kana jalatti cabanii kufuurraa of dandamu woyi dandayaani? - Sirni Gabbaarummaa haareeysi as deema jadhamu kun jiruu matayyaarratti dhiibbaa akkam jiraa faa fiduu malaa? Gaaffiilee armaan olitti tarreeffamaniifi tabiroollee kitaaba, "Sirna Gabbaarummaa Haareeysa As Deem...
2021-03-05
1h 03
ILMAORMAA
S.1 Ep.11. Gadaa Oromiyaa Biyya Ambaat (GOBA) Ijaaruu
- Gadaa Oromiyaa Biyya Ambaa(GOBA) ijaaruurrat yaada kennachu. - Maqaa jaarmayaatiin rakkoolee, gaaga'amaa, fii Kufaatii dhaqqabanifii ammas dhaqqabaa jiranirraa barachuuf tattaaffiin haqaa godhamuu dhabuu. - GOBA jaarmayaa siyaasaa fii gartu jalaa baasuun bifa bilisaai if dandaheen ijaaruun maaliif barbaachisa? - GOBA gad-jabeessani dhaabuun waan jaarmayaa siyaasaa jadhamuu mara of keessaa qulqulleessuufi kkf.
2021-02-26
51 min
ILMAORMAA
S.1 Ep.10. Diigamu Sirna Fedaraala Sabdaneessaa
- Jaarmayaaleen Oromo diigamu sirna federaala sabdaneessaa hambisuuf uummata sossoosuuf qophii fii humna itti qabu? - Aktivistootni/qabsaa'otni sirna haarayaa Ijaaramaa jiru falmuuf gurmuu akkami qabuu? Gurmuu akkamii jalatti ijaaramuutu daran isaan jabeessu malaa? - Ummatni Ball'aan sirni Neoliberaalizmii biyya keessatti utubamaa jiru kun miidhaa akkamii irraan dhaqabsiisu akka malu huubatnoota gayaa argataa jiraa?
2021-02-19
45 min
ILMAORMAA
S.1 Ep.9. Lagannaa Nyaataan of Wareeguun Xoobiyaa Keessatti Bu'aa Siyaasaa Argamsiisaa?
- Lagannaa-Nyaataan Xobiyaa keessatti akka tooftaa qabasoo nagayaa taheetti ummata biratti beekamaadhaa? - Lagannaa Nyaataa hidhamtootni siyaasaa Oromoo gaggeessaa jiran qindominaan gaggeeffamaa jiraa? - Dhaabbileen siyaasaa ka hidhamtootni falmaafii jiran bifa gayaan cinaa dhaabbataa jiruu? - Midiyaan aduunyaa maaliif lagannaa nyaataa hidhamtootni siyaasaa kan Oromoo gaggeessaa jiran gabaasuu hanqatte?
2021-02-12
1h 05
ILMAORMAA
S.1 Ep.8. Hegereen Biyyaa (nation state) Maal Fakkaataa?
- Gadaa keessa jirrutti, biyyaaf jacha wareegama lubbuu kafaluun bu'aan isaa maal? Dantaa eenyu kabajsiisuuf? - Aduunyaa keessatti qoodni "biyya"a guddataa mo dhiqqaataa deemaa jira? - Qabsoon Oromoo bifa aduunyaan itti jirtuufi daandii isiin irra qajeelaa jirtu hordofee demaa jiraa? - "Yellow/Orange" namni ambaa heeduun, warra "Guantanamo/Gitmo" hidhame turee; tuuta Buddhahaa biyya Maynmar(Burma) Musliimoota Rohingaya galaafataa turee; fii "Yellow Vest Movement" ka biyya Faransaayiin walitti hidhee sammuu qaba. Duuba "Oromo Yellow Movement" kuwwanirraa adda of baasee beekkamti argatuufii milkaahu ni dandahaa?
2021-02-04
1h 11
ILMAORMAA
S.1 Ep.7 Warri Teknoologii Haarayaa fii Kuwwan Hafanis Maal Nurraa Fedhan? Maal Nurraa Guuraan? Garam Nuun Deemaa Jiran?
Odeeysa --- Warri "Wall Street" fii Caayaan "Reddit" (WallStreetbets) jadhaman maaf kaampaani "GameStop" jadhamturratti walhadhan? Robot( Artificial General Intelligence) sadarkaa amma itti jirurraa fii garama akka guddataa deemaa jiru gabaabasaan walhuubachiisu. Kitaaba, "The Age of Surveillance Capitalism" kan aduunyaan guutuun faarsitee fii irraallee dubbataa jirtu warra amma dura hindubbisneef gabaasa gabaabdu.
2021-01-29
48 min
ILMAORMAA
S.1 Ep.6 Ummatni Jaarmayaa fii Hoggana Jabaa Qabaa?
Hawwiin jiru, jaarmyaa fii hoggana akkam jiraa arguuf? Jaarmayni hawaasni ganna dheertuuf jiraachise asiin gahe hirdhina qabuu? Ummatni jaaramayaa fii hoggana isarraa woyyaa tahan of keessaa baasuuf qophii gahaa qabaa? Oromoo fii Oromoo tahuu?
2021-01-22
1h 27
ILMAORMAA
S.1 Ep.5. Biyti Tokko Guddataa Jirti Hogguu Jadhamu Maalfaatu Guddate ?
GDP (Gross Domestic Product) maal? Maal faatu walitti heerregamaa? GDPn guddina biyya tokkorraa maal faa himti? Maal faa himuurraa hanqattii? GDP male mizaanni guddina/badhaadhina biyya tokko ittiin heerragan kam faatu jiran? Diinagdeen biyya tokko haga maalitti guddataa? Diinagdeen garamitti guddataa ykn daangaan isaa eessa? Aduunyaan amma keessa jirru tun mull'ata "diinagdee guddisuu" jadhamtu akkamiin simattii? Bifti aduunyaan diinagdee itti gurmeessite fi ittiin fayyadamaa as geessen tun guddina waaraa argamsiisaa?
2021-01-15
50 min
ILMAORMAA
S.1 Ep. 4. Warri Xobiyaat Aango Gubbaa Jiru Biyya Garam Oofu Mala ?
Warri 'Neoliberalism' eenyu? Eessaa dhufan? Maal fedhan? 'Neoliberalism' hogguu imaammata/mull'ata diinagdee mootummaa godhatan maal faa aduunyaa gubbaatti hojiirra oolchaa turan? Mootummaan warra 'Neoliberal' eenyuufaaf bu'aa qabaa? Eenyurratti miidhaa dhaqqabsiisu dandahaa? Tuutni 'Neoliberalism' hordoftu biyya keenyatti maal faa hujiirra oolchuu dandahu? Warrirraa faaydeeffachuuf deemu eenyu? Warrirraa kasaaruuf deemu eenyufaa?
2021-01-14
38 min
ILMAORMAA
S.1 Ep.3. Afree Oromootaa vs Afran Naggaadootaa
Bara 1917 qaallichi Xilyaani kan Enrico Cerulli jadhamu kitaaba "The Folk-Literature " jadhamtu barreesse. Kitaaba sana keessaa walalo lama kan natti tolan fileen akkan fedhuttin dubbisa. Walaloon lachu waan yaroo sanitti ummatni naanno hardha Shanan Gibee jadhamuufi ollaa isaa jiraatan keessa turan ibsa. Weyta san ummatni bakka lamat walqoode. Isaanis Afree Oromootaa fii Afree Naggaadootaa jadhamu.
2021-01-08
22 min
ILMAORMAA
S1. Ep.2. Fincila Warra Arabaa Waggaa Kudhaniin Duubatti fii Kufaati Wayyaane?
- Siyaasaa Xobiyaa fii sossohiinsa qarree/qeerroo Oromorratti dhiibbaa maal fidee? - Qabsoon ummatni biyyoota Arabaa geggeessee fi gaggeessaa jiru maaliif milkaahuu dhabe? Maal irraa baratnaa? - Imaraat, Qatar fi biyyootni waahillan isaani tahan fincila ummataa kana keessaa qooda akkam jiraa qaban? - Turkiin Gaanfa Afriikaa fi Galaana Diima irratti qooda qabdu guddisuuf tarkaanfiin isiin fudhatte siyaasaa Xobiyaarrat dhiibbaa fidee? Xobiyaa fii Eritraa jidduu araarri shaffisaan akka argamu dirqisisee?
2021-01-03
34 min
ILMAORMAA
S1. Ep1. Filmaatni 2021 gaggeeffamuuf Deemu Faaydaa Maal Qaba? (Repost with improved audio)
Why has the faction in power in Ethiopia decided to hold national elections in June 2021? Are the political and security conditions conducive to hold a peaceful & fair election? What does the European type parliamentary system mean for the indigenous peoples of Ethiopia?
2021-01-01
33 min
ILMAORMAA
S.1 Ep.1 Filmaatni 2021 gaggeeffamuuf Deemu Faaydaa Maal Qaba?
Why has the faction in power in Ethiopia decided to hold national elections in June 2021? Are the political and security conditions conducive to hold a peaceful & fair election? What does the European type parliamentary system mean for the indigenous peoples of Ethiopia?
2020-12-30
33 min
ILMAORMAA
Season 1 Trailer : Baga nagayaan Dhuftan
A brief intro to the podcast
2020-12-30
00 min
ILMAORMAA
Welcome!
Brief introduction to the possible contents, topics, or issues discussed in the podcast and who the host is.
2020-12-28
00 min